Guyyaa Abaaramtuu================Barreessan Jaal Hailuu Dargee Kutaa 1ffaa


Guyyaa Abaaramtuu
================
Barreessan Jaal Hailuu Dargee Kutaa 1ffaa

Ebla 14.2024 qophii yaadannoo Guyyaa Gootoota Oromoo irratti yaada gabaabaa tokkoon dhiheese. Kana irraa ka’uudhan jaal Tolchaa Wagii seenaa Jaallan ana waliin mana hidhaa turanii fi ma’ikalaawitti Mootummaa Dargiin ajjeefaman bareechee maxxanse.Jaallan Kun Muhee Abdoo, Gazaahany Kaasaahuun Jaaraa, Yiggazuu Waaqee fi Kabbadaa Damisse jedhamu..
Muhee fi Gazaahany waliin mana tokko keessa waliin jiraane. ( upper compound ).
Yiggazuu fi Kabbadaan mana dakaa ( lower compound ) keessaa turan. Afranuu gaffa 18.10.1986 ganama sa’aa 09.30 fi 12.30 gidduutti fudhatamanii ajjeefaman.Maxxansaa Tolchaa keessaa mata duree ” Guyyaa Abaaramtuu sana ” jedhu ergifadheen haala ajjeechaa isaan waan xiqqoo isinii qooda.

Guyyaa Abaaramtuu sana:

Kutaa1ffaa
25.04.2024
Onkololeessa 18, 1986 Sanbata xiqqaa ture. Baratooni mana hidhaa Ma’ikalaawii keessatti baratanii kutaa 12 xumuran eebbaf qophaa jiru. Guyyaan kun guyyaa eebba baratoota akka ta’u murtaahe.Torban sana guutuu qophii eebbaa kanaaf walgahii adda addaa gochaa ture. Baratootin,barsiissotin akkasumas bulchiisin mana hidhaa haala eebbaa kana irratti mari’atan.
Karaa barsiissotaan, namoota maqaa ABOtti hidhaman keessaa Obb. Ahmed Hussein, Obb. Gazaahany Kaasaahuun fi ani walgahiiwan kana irra turre.Iitti gaafatamaan mana barnoota Maikalawii Obb. Zegeye Asefaw akka turan nan yaadaha. Walgahiiwan kana irratti guyyaan eebba murtaahe. Baratooni keenya eebbaf qaphan. Namootin mootummaa nu hidhe bakka bu’anii eebba kana irratti argaman affeeramanii jiru.
Onkoleellessa 17, Jimaata galgala qophii hunda xumurree ganama mana eebbi keessatti ta’u bareechuuf dirqama fudhannee bulle. Gazaahany Kaasaahuun, Isheetu Latu fi ani namoota dirqama fudhatan keessa turre.
Sanbata xipqqaa ganama, Onkolollessa 18, Akkuma yeroo hunda ta’u waan qabnu afaanitti darbannee jireenya mana hidhaa dhiibuti kaane. Sanbata xiqqaa kana kan adda godhu sagantaa Eebba baratootatti.
Baratooni dararama man hidhaa wagga dheeraa danda’anii, bu’aa agarsiisuu isaaniti gammadu. Barsiisooniis akkasuma.Kanaaf Sanbata xiqqaan kun guyyaa gammachuu ta’a kan jedhu abdii hundaa ture.
Sanbata xiqqaa fi sanbata guddaa warri nu reebanii fi nu ajjeessan boqonnaa fudhatu. Hojii hatatamaa ho qabaatan malee hin dhufan.Kanaaf nu, hidhamtooni, illee xiqqoo ni boqonna.
Maa’ikalaawiin karra baayye qaba. Ini nutti dhihaatu isa guddaan, sibila irraa hojjetame. Karra kana namoota kumaatamaan lakkaawamantu seenee bahe. Abbaan hiree gaarii qabu dararamaa fi rakkoo hunda danda’e lubbuun bahe firaa fi maatii isaatti makama.Warii hiree kana dhaban wareegama lubbuu baasu. Rasaasan reebamanii ajjeefamu. Akka ilma namaas awwaala hin argatan. Ma’ikalaawitti nama mootummaan ajjeeseef mararfachuunis adaba qaba.
Hundaafu Karrii guddaan sun akkuma baratame, sanbata xiqqaa , ganama sa’aa torbati baname.Namootin galaa dedebisan akka bahan waamaman. Firriis waan qabu qabate nu gaafachuu dhufe.Firoon keenya nyaata fidan dhandhamanii galchu.Warra nyaata nu fiduu fi Waardiyaa gidduu gidaaraa dhagaatu jira. Gidaarii kun fooddaa xixiqqoo sadii qaba. Nyaata fi kafanii kan galuu karaa fooddaa sadeenii kana . Waardiyooni kun firoota keenya akka barbaadanitti keessummeessa. Arabsuu, sodaachiisu hoo barbaadanis hiisisuuf mirga qabu.
Ergaa maatii keenya irraa argachuun gaarummaa fi haammeenyya waardiyoota irratti hundaaha. Firooni keenya jireenya keenya kan mirkaneefatan ergaa erganiif deebii argataniin. Ergaa afaan Oromootiin dabarsuun dhorkadha.
Anaa fi Gazaahany mirga nyaata dedebisuu waan qabnuuf guyyaa kana maatii irraa nyaata dhufe yeroo afran tokko hidhamtootaf dhaqabsiifne jirra. Itti gaafatamaan keenya Obb.Isheetu Latu Waardiyaa fi Nu gidduu dhaabachuun nyaata maatii irraa dhufu fi ergaa seenu fi bahu nuun dhaqaba. Nus waan isa irraa fuunee obbolleewwan keenyan (hidhamtoota) birran geenya.
Itti gaafatamaan keenya,Obb.Isheetuun nama kennaa adda qabu. Hidhamtoota ma’ikalaawii hunda maqaa fi ulaa(room) isaan keessa jiran waliin beeka. Isheetuun Walaloo kataba. Tiyaatiraa hojjeta.Taphaa fi qoosan namin isa gahu hin jiru Nama gara laafa fi nama ghugaadhaa dhaabate ture.Qabsoo bilisummaa Oromoo keessattis nama maqaan isaa hin dhahamne ha ta’u malee ABO keessatti hojii boonsa hojjete.Bara 1978/1979 namoota lameen harka lafa jalaaatin Oromoo ijaaraa turan keessa nama tokko. Bara chaartaraas Hawwisoo ABO hogganaa ture. Jaal kun dhukkubsate erga boqatee turee jira.
Amma karaa Sanbata xiqqaa, Onkolollesa 18tiin, isin deebisa. Ani fi Gazaahany ergaa nyaata dedebisuu xiqqoo gargaarree booda bakka eebbaa qopheesu eegale.Yeroon kun ganama sa’aa sagalii fi walakkaa ta’a.
Mana keessummaa (visiters room) akka eebbaa ta’utti bareechuuf osoo mari’annu mana dakaatti( lower compound) namoon akka waamamaa jiran dhageenye. Sanbata xiqqaadhan maal gochaa jiran jedhe Gazaahany. Waamichi kun turee turee dhufa. Xiqqoo erga turee booda Yiggazuu Waaqee akkka waamame dhageenye. Waamichi kun kan maal akka ta’e hubachuuf yaalle.Namni beeku hin jiru. Kan waamame hin deebi’u.Amma yaaddoo guddaa keessa seene. Gazaahany ol seenee ho deebi’u Kabbadaa Damissees akka waamame natti hime.Amma guddaa rifanne.Jaratiin tun waggaa 6 booda nu ajjeeftii jenne. Takka turee Muhee Abdoo itti dabalame.Kun maal ta’a jenne walgaafanne. Amma guyya keessaa sa’aa 12 ta’ee jira. Gazaahany mee hijoollee Oromoo tanan gaafadha jedhee karaa waardiyaa nutti dhihaatu tokkotti deeme. Osoo isa hin gaafatiin Jaal koo Gazaahany kaasaahuun Jaaraas waamamee karra xiqoo sanaan bahee hafe.
Egaa Jaallan kun, Muhee Abdoo; Gazaahany Kaasaahuun, Yiggazuu Waaqee fi Kabbadaa Damisse erga waggaa jahaa ol mana hidhaa Dargii keessatti dararamanii booda Onkololeessa 18,1986 mootummaa Dargi , nama nyaataa, sanaan ajjeefaman. Akka jedhamutti guyyaa sana namootin ajjeefaman 90 ol ta’u.
Ilmi nama abdii hin kutatu. Waamichi guyyaa kana nama hunda rifachiise. Ha ta’u malee ajjeefamuun isaanii dhugaa nutti fakkaachu dide.Namu xinxala adda addaa qaba, Jallan keenyaf jireeenya hawwine.Xumura kennuuf malalattoo tokko eeguuf walii galle. Namuu rifate. Waan goonu wallaalle.Taa’us dhaabbachuus dadhabne. Yeroon deemaa jira. Sa’aan eebba baratootaa dhaqabee.
Kanumaan osoo jirruu naannoo sa’aa 15.30 mallatoon eegamu sun dhufe. ”Kafana fi qabeenya Muhee Abdoo fi Gazaahanye Kaasaahuun Jaaraa fidaa” jedhamne .Lamaanu ana waliin mana tokko keesssa (upper compound ) jiraatu.Waan goonu dhabne.Namni kafana isaanii fuudhee kennu dhabame. Waamichi dedebi’e godhame. Akkuma ta’etti kafana isanii baafne mootummaaf gabaaafne. Mallottoon kun akka ajjeefaman mirkaneessa. Kana waliin ajaja biraatu dhufa. Firri isaanii hoo gaafachuu dhufe ”mana hidhaa biraatti jijjiramanii jiru” jedhaa himaa kan jedhu. Hundi keenyaa abdii kutatne.Namuu of jibbe. Gaddaa fi bohicha ta’e.
Itti fufa.

Leave a comment