Seenaa Jaal Raggaatuu


Seenaa Jaal Raggaatuu

Seenaa Jaal Raggaatuu Oromoo (Ashaa Abdullaa) Abbaa ishee Abdullaa Ibiroo fi Haadha ishee Zaraa Umar irraa bara 1988 Godina Harargee Lixaa aanaa Mi’eesoo araddaa Torboyyoo ganda Baladii keessatti dhalattee guddatte.
Umrii ishii waggaa 18tti heerumtee mucaa intalaa takka deessee abbaa manaatiin addaan bahanii, bara 2009tti garaa biyyaa ollaa Jibuutiitti imalte. Achi irraa galaana (bahaara) qaxxaamuruudhaan Yaman yeroo geeysu, isheen duraan akka nama tokkootti ifii fi maatii ishii jijjiiruuf baate. Garuu dubbiin akka yaadde osoo hin taane hamtuu taate.
Sababa sabni ishii gabrummaa keeysa jiruuf, osoo sabni kiyya gabrummaa jala jiruu ani mataa kiyyaa je’ee gabrummaa sabaa kiyya irraa jirtu dhiisee hin deemu jettee lamaffaa galaana Diimaa qaxxaamurtee gara Eritiriyaatti deebitee Adda Bilisummaa Oromootti makamtee achitti leenjii waraana fudhattee bara 2018tti gara biyyaatti deebitee haaromsa ja’aniin san fudhattee poolisii Oromiyaa tuhuudhaan waggaa tokkoof erga hojjettewn booda ossoo murni bilxiginnaa farra ummataa fi kan ummata ishee miidhu tahuu hubattee achi keessaa baate.
Achiin boodas bara 2021ti gara bosona Baha Oromiyaatti deebite.
Achi irraa kutannoodhaan qabsoo itti fuftee, gammoojjii hanga baddaa, roobaa fi hongee, beelaa fi dheebuu hunda damdamattee qabsoo hadhaaeaa geggeessaa jirtuu,


Bara 2024tti dirqama qabsoof gara Fantaalleetti imala irra osoo jiranii bakka Cophii ja’amutti diina wajjiin lola ganama irraa hanga galgalaatti geggeeffame irratti jaala ishii biraa tokko wajjiin bara wareegamte.

Galatni ishee Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa haa tahu!
Seenaan yoomiyyuu ishee yaadata!
Galatoomi đź’”

Danbalii Seenaa

Leave a comment