Nan Sodaadhe


Nan Sodaadhe

Edaa sodaan kuni gosti isaa baayyee dhaa, maqaat tokko malee, ta’iinsaa dhuuga dha.
duraan nin miidhamaaf,
dhaba lubbuu qofaaf sodaatanin se’aa,
Edaa sodaan kuni bifti isaa walii lama ,
Ofumaa sodaachuu fi
namaafis sodaachuu
sodaan garuu waan oolchuu,
wanta tahuuf deemuu,
waayyuu hin hanqisu.
Ammoo nama mitiiree?
Waan baayyee of dura tuttuultee,
Baastee buustee
Waayee keerra,
waan namaan ogguu qabamte,
ykn sitti fakkaatee,
qorqalbiin yommuu raakamte,
Osoon taliila siin jedhuu,
ni boorofataa laa jedheen
Osoon gaarishoo siin jedhuu,
ni hadhoofta laa jedheen
Osoon nama siin jedhuu
waru taataa laa jedheen,
Osoon qaama koo siin jedhuu,
dhidhimittaa laa jedheen,
Waayee dhuma kee yaadeen
tahuu malaa of jala tuuleen,
dubbii unee, dubbii nyaadhee,
Waayee keef guddoo sodaadhee.

Tahuu malaan kuni,

hin tahin haa hafuu,
Sodaan keessoo kiyyaas
nakeessatti haa moofuu,
Yaadan sodaa sodaadhee,
isa ayyaanni na oofu,
Isan takka gaddee nyaaree,
takkammoo seeqee kolfu,
Waayee kee na sodaachisuun,
asumatti haa hafu!
05/06/2024

Leave a comment