Ani fi Ati


Ani fi Ati

Man- tokko keessa jirra, nu hundi maqaaf jiruudhanii,

ammoo addunyaan teenya, addaa laallan dhugaadhanii!

Manni kee gaddaan guuttamee,

Osoo ani boohuu, ati qasaatee Kofaltaa,

osoo ati hirqituun,

animmoo gammadee lafti na hanqataa,

osoo ati beeltuu, animmoo cooma mure,

osoo ati daartuu, animmoo uffadha filee.

 kiyyatti cidhatu cidheeffamaa,

Gaafa kiyya mannuu onee barbaadaa’ee,

Kee manni hoo’ee, guutun aaran golgamaa,

Akka uumeef,nu lachuu, gadaamessa tokkoo boraafannee,

Maqaanis nu walitti, gudeeda aabboo tii yaanee

Anaa fi si’iikana,

Maaltu wal nu wallaalchisee,

garaa walitti nu jabeessee?

03/06/2024

Leave a comment