๐’๐ก๐ข๐ซ๐š ๐ƒ๐ข๐ข๐ง๐š๐š ๐’๐š๐š๐ฑ๐ข๐ฅ๐ฎ๐ฎ๐ง ๐ƒ๐ก๐ฎ๐ ๐š๐š ๐‰๐ข๐ซ๐ฎ ๐”๐ฆ๐ฆ๐š๐ญ๐š ๐Š๐ž๐ž๐ง๐ฒ๐š ๐‡๐ฎ๐›๐š๐œ๐ก๐ข๐ข๐ฌ๐ฎ๐ง ๐ƒ๐ข๐ซ๐ช๐š๐ฆ๐š ๐ค๐ž๐ž๐ง๐ฒ๐š!


๐€๐๐Ž_๐–๐๐Ž, ๐’๐„๐„๐’๐„๐„ ๐Ÿ๐ข ๐’๐‡๐€๐๐„๐„

===================================

๐’๐ก๐ข๐ซ๐š ๐ƒ๐ข๐ข๐ง๐š๐š ๐’๐š๐š๐ฑ๐ข๐ฅ๐ฎ๐ฎ๐ง ๐ƒ๐ก๐ฎ๐ ๐š๐š ๐‰๐ข๐ซ๐ฎ ๐”๐ฆ๐ฆ๐š๐ญ๐š ๐Š๐ž๐ž๐ง๐ฒ๐š ๐‡๐ฎ๐›๐š๐œ๐ก๐ข๐ข๐ฌ๐ฎ๐ง ๐ƒ๐ข๐ซ๐ช๐š๐ฆ๐š ๐ค๐ž๐ž๐ง๐ฒ๐š!

๐€๐๐Ž_๐–๐๐Ž๐ง ๐š๐ค๐ค๐š๐ฆ๐ข๐ญ๐ญ๐ข ๐ข๐ฃ๐š๐š๐ซ๐š๐ฆ๐ž?

๐„๐ž๐ง๐ฒ๐ฎ๐ฎ๐ง ๐ข๐ฃ๐š๐š๐ซ๐š๐ฆ๐ž? ๐Œ๐š๐š๐ฅ๐ข๐ข๐Ÿ ๐ˆ๐ฃ๐š๐š๐ซ๐š๐ฆ๐ž?

๐–๐š๐ฅ๐ข๐ข๐Ÿ ๐๐จ๐จ๐๐ฎ๐ฎ๐ง ๐”๐ฆ๐ฆ๐š๐ญ๐š ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ๐ง ๐†๐š๐ก๐š๐š!

Ummannii Oromoo erga waanjoo kolonii Gabrumaa jalatti kufee qabee falmaa hadhaawaa gaggeessuudhaan diina isaa kopha kophattis ta’ee waloon qolataa mirga isaa kabachisiisaa eddana gaheera.

Keessahuu, Erga jaarmiyaa siyaasaa jalatti ijaaramuu jalqabee as irree tokkoon qajeelfama waloo fudhatee firaa fi diina isaa addaan baafachuun falmaa wal irraa hin cinne godhee qixa har’a irra jiru irra gaheera

Waan amma Oromoo keessatti summii facaasuun ABO_WBO, Shanee fi Seesee jedhaa jiran projectii diinaa isa guddaa dha. ABO_WBO, Seesee fi Shaneen project diinnii kudhaamuun Mooraa Oromoo ittiin diigaa turee fi jiruu dha.

Oromoo fi Oromiyaa keessa Jaarmiyaan Siyaasaa fi Waraanaa ABO_WBO, Seesee fi Shanee jedhamu hin turre, hin jiru.

๐’๐‡๐€๐๐„๐„:- Shaneen akkamitti Moggaafame?

Mooggasa maqaa ๐’๐‡๐€๐๐„๐„ jedhu kan baasee fi ittiin Ololuun ABO dadhabsiisuuf uume murna ABO Jijjiiramaa jechuun ABO irraa bara 2008 foxxoqee dha. ABO dadhabsiisuu mitii booda ofiifuu akka dhadhaa Ibidda Bu’ee baqee bade.

Hikini isaa sirriin ๐’๐‡๐€๐๐„๐„ jechuun akka Oromoon yaamutti maqaa bareedaa Shanan gadaa keessaa fudhatamee dha. Maqaa kan ABOn akkaataan itti fayyadamuu eegale, sirna bulchiinsa Gadaa keessatti Oromoon Booranaa qaama bulchiinsaa keessaa sadarkaa oliirra kan jiru “Gumii Gaayoo ” qaba.

Akkuma sana ABOn illee bu’uureffamuu isaa irraa kaasee qaama hoji raawwachiiftuu isaa Waajjira Siyaasaa fi Koree hoji raawwachiiftuu jedhaa ture, bara 1989 Kora Hatattamaa irratti Shanee Gumii ( executive Committee) jedhee moggaase.

Kora Sabaa 3ffaa Muddee 2004 ( Mulober, Eritrea) fi Kora Sabaa 4ffaa Hagayya 2017 (Afabet, Eritrea) raggaasifame (approved) tahe irrattis Shanee dhuma Gumiiti.

ABO๐’๐‡๐€๐๐„๐„:- ABOShaneen akkamitti moggaafame?

ABO๐’๐‡๐€๐๐„๐„ jedhee jalqaba akka ololatti kan dhimma bahuu jalqabee Qaama Ceehumsaa/ QC – ABO (OLF Transitional Authority) jedhee kan of moggaase Galaasaa Dilboo fa’a turan.

Murni Jijjiramaas gaafa 2008 ABO irraa fottoqee ABO arrabsuu fi xiqqeessuu murteeffatu afaanuma QC-ABO irraa fudhatee #ABO๐’๐‡๐€๐๐„๐„, warra hoganootattuu nu ari’e jechuu eegale, yeroo sanatti platform dhimma itti bahama ture Paltalk ture. Paltalk irratti ๐’๐‡๐€๐๐„๐„ Moggaasee darbe, waanuma yeroo sana mogga’etuu ammallee platform akka Facebook, Cloubhouse, Twitter fikkf irratti hojii arrabsoo tahee deemaa ture, jira. Jarri Biltsiginnaas kanuma fudhatanii #ONEG๐’๐‡๐€๐๐„๐„ jechuun W3O xureessaa jiru.

๐’๐„๐„๐’๐„๐„:- Seeseen akkamitti maggaafame?

#๐’๐„๐„๐’๐„๐„hoo? ๐’๐„๐„๐’๐„๐„ jechuun inni duraa gosa sanyii Nilotic ta’e isa afaanii fi aadaa mataa isaa qabu akka saba bicuutti dominate ta’ee daangaa Suudaanii fi Oromiyaa jiraatuu dha.

๐’๐„๐„๐’๐„๐„n gara biraa ni maqeeffame malee bu’uurri jechaa #Seesuu dha. #Seesuu jechuun dheessuu, sodaachuu, onnachuu dadhabuun diina baqachuu jechuu dha. Ammatti moggaasa maqaa kanaa kan moggaase warra Project Abiyi fi Jawaar fudhatanii sobamuun ๐€๐๐Ž_๐–๐๐Ž ijaaranii dha. Ergaan ๐’๐„๐„๐’๐„๐„ akka isaan jedhanitti ABO Gullallee sodaattuu fakkeessuun murna dhaabicha hoogganuu fi dhaabicha jalatti haagganamaa hojii qabsoo guyya guyyaa hojjatan ittiin abaaranii Onnee ummataa keessaa dhabamsiisuu dha. Hojiin isaanii kun hojii diinaa tahuu waan hubatan hin fakkatu.

Oromoon duris, isa dammaqe malee inni hin Dammaqin maqaa fokkisaa Qeessi Abbaa Bahiree fa’ a itti moggaasanii darban “๐†๐ซ๐ž๐š๐ญ ๐š๐ง๐ข๐ฆ๐š๐ฅ๐ฌ ๐ฅ๐ข๐ฏ๐ข๐ง๐  ๐ข๐ง ๐€๐Ÿ๐ซ๐ข๐œ๐š” /๐†๐š๐š๐ฅ๐ฅ๐š๐š isa jedhu fudhateeti, akkuma diinni itti waametti wal waamaa ture. Ammas kan, ABO_WBO, Shanee fi Seesees kanaan addummaa hin qabu.

Akka Fkn. Kan Oromoon dur ittiin wal yaamaa ture keessaa,

1. Shawaa ๐†๐š๐š๐ฅ๐ฅ๐š๐š: – giddu Gala Oromiyaa Shaggar guutuu /Ilmaan Tuulamaa jechuu dha.

2. Mishinarii ๐†๐š๐š๐ฅ๐ฅ๐š๐š:- Lixa Oromiyaa Matakkal dabalatee Wallaggaa ammaa Afuran/Ilmaan Maccaa jechuu dha.

3. Arusii ๐†๐š๐š๐ฅ๐ฅ๐š๐š:- Kubba Baha Oromiyaa, Arsii fi Baalee ilmaan Sikkoo fi Mandoo Jechuu dha.

4. Qottuu ๐†๐š๐š๐ฅ๐ฅ๐š๐š:- Baha Oromiyaa Harargee Lamaan ammaa ilmaan Ituu fi Hinbannaa jechuu dha.

5.Sidaamoo ๐†๐š๐š๐ฅ๐ฅ๐š๐š:- Kibba Oromiyaa, Gujii fi Boorana ilmaan Sabboo fi Goonaa jechuu dha.

6. Kafaa ๐†๐š๐š๐ฅ๐ฅ๐š๐š:- Kibba Lixa Oromiyaa Ilmaan Maccaa Iluu Abbaa Booraa, Bunnoo baddallee fi Jimmaa jechuu dha.

7. Wolloyyee ๐†๐š๐š๐ฅ๐ฅ๐š๐š:- Kaaba Oromiyaa ilmaan Raayyaa Asaboo, Walloo fi Raayyaa jechuu dha.

Kun ilaalcha diinaa qoqqodanii bulchu (divided and rule) Amantaan, Naannoon, siyaasaan, hawaasummaan, Aadaan, Diinagdeen duula Oromoo irratti qiyyaafatametuu ammas jira. Oromoon har’aas kana hubachuu dadhabe.

Dhimma amma ๐€๐๐Ž_๐–๐๐Ž

Dhimma amma ๐€๐๐Ž_๐–๐๐Ž, ๐’๐„๐„๐’๐„๐„ ๐Ÿ๐ข ๐’๐‡๐€๐๐„๐„ jechuun mooraa Qabsoo Oromoo keessatti qoqqodaa ummuu kun Dhugaan lafa jiru kan Qabsoon Oromoo akka Kolaafamuu fi Qabsaawonnii Oromoo akka Qabsoorraa abdii kutatanii manatti galan ykn ammoo diinaaf ergaramaniif shoora taphata turee fi jiru warra Project shiraa ๐€๐๐Ž_๐–๐๐Ž, ๐’๐„๐„๐’๐„๐„ ๐Ÿ๐ข ๐’๐‡๐€๐๐„๐„ duubaan jiru Diinota innikkaa Oromooti.

Oromoon ajandaa itti kennan qabtee suksukuu malee of duuba garagalee of ilaalaa hin jiru.

Madda olola diiggaa mooraa qabsoo Oromoo kana baranii gogsuu malee yeroon amma Oromoon keessa jiru yeroo ofii wal qoccoluu miti.

Olola qindaawaa fi diiggaa diinni qopheesse wajjiin tarkaanfachuu dhiisuun hanga ABOn akka jaarmiyaa siyaasaa guddicha Oromoo ta’ee fi W3On waraana guddicha Oromoo ta’etti wal hin hubachiifnu taanaan balaa guddaa dhaloonni egeree itti dadhabuuf deemuuf jirutuu Oromoo eeggata kana beekaa.

Oromoon Bilisummaa sabaa fi Walabummaa biyyaa barbaadu san dafee gonfachuu kan dadhabeef sababa dhiibbaa diina innikkaa alaanii osoo hin taane, rakkoo diinnii summii keessoo Mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti facaase hubaannee irratti dammaquu dadhabuu irraayi.

Oromoon akka sabaatti diina alaa of irraa qolachuu danda’a kan akka hin injifanne isa dhoowwee fi akka “Fincaan Gaalaa Duubatti isa deemsisu” gantoota dantaan bitaman keessoo Mooraa Qabsootti dhalatanii ergaa fi ergama diinaa facaasaa oolaa bulanii dha.

Jaarmiyaalee Oromoo dhibbootaan laakkawaman keessaaa Jaarmiyaan angafaa fi akeeka Oromoo qulqulluu baattatee imala irra jiru Adda Bilisummaa Oromoo( ABO )qofaa dha. Kana irraa kan hafan Jaarmiyaaleen Siyaasaa maqaa Oromoon daldalaa turnii fi jiran hundi isaaniituu jaarmiyaalee ana malee fi ergama diinaan ijaaramanii dha.

Fakkeenyaaf Jaarmiyaan Maqaa Oromoon dhalatanii du’anii fi qarqara du’aa jiran,

Maqaa Oromoon Sobanii Dachee Oromiyaa ittiin saamuuf kanneen Suumaaleen ijaarte

1. Adda Bilisa Baasaa Sumaalee Abbooo

2. Adda Bilisa Baasaa Sumaalee Dhihaa

Kanneen Heera ABO jalatti ABO dadabsiisuuf ijaaraman.

3. Adda Islaamawaa Bilisummaa Oromiyaa

4. Ibsoo

5. Adda Bilisummaa Oromoo Qaama Cee’umsaa

6. Adda Bilisummaa Oromoo Jijjiiramaa

7. Adda Dimokuraatawaa Oromoo

9. Gurmuu Qabsaawotaa

10. Kallacha Walabummaa Oromoo

11. Adda Warraaqsa Tokkummaa Oromoo

12. Partii Bilisummaa Oromoo

13.Adda Bilisummaa Oromoo Tokkomee

14. Adda Bilisummaa Oromoo Hilton

15. Adda Bilisummaa Oromoo_Waraana Bilisummaa Oromoo

Kanneen Impaayirattii tiksuuf ijaaraman,

16. Dhaabbata Dimookiraatawaa Ummata Oromoo

17. Paartii Diimokiraatawaa Oromoo

18. Badhaadhina Oromiyaa

19. Warraaqsa Federaalistii Oromoo

20. Kongirensii Biyyaalessa Oromoo fi

21. Kongirensii Federaalawaa Oromoo ti.

๐€๐๐Ž_๐–๐๐Ž:- ABO_WBOn akkamitti moggaafame?

๐€๐๐Ž_๐–๐๐Žn philosophy n isaa ABO balleessuuf ijaarame.

๐€๐๐Ž_๐–๐๐Ž๐ง ๐ฌ๐ก๐ข๐ซ๐š ๐๐ข๐ข๐ง๐š๐š ๐€๐๐Ž ๐๐š๐๐ก๐š๐›๐ฌ๐ข๐ข๐ฌ๐ฎ๐ฎ ๐Ÿ๐ข ๐–๐š๐ซ๐ž๐ž๐ ๐š๐ฆ๐š ๐–๐๐Ž ๐†๐š๐ญ๐ข๐ข ๐๐ก๐š๐›๐ฌ๐ข๐ข๐ฌ๐ฎ๐ฎ๐ง ๐ˆ๐ฆ๐ฉ๐š๐š๐ฒ๐ข๐ซ๐š๐ญ๐ญ๐ข๐ข ๐ฌ๐ฎ๐ฉ๐ก๐ฎ๐ฎ๐Ÿ ๐ฌ๐จ๐›๐š๐š ๐Ÿ๐ข ๐’๐จ๐ฌ๐ฌ๐จ๐›๐š๐š๐ง ๐ข๐ฃ๐š๐š๐ซ๐š๐ฆ๐ž ๐๐ซ๐จ๐ฃ๐ž๐œ๐ญ ๐ƒ๐ข๐ข๐ง๐š๐š๐ญ๐ข;Beekaa haa ta’uu osoo hin beekne warri qaamaa fi qalbiin keessa jirtanii fi deegartan irraa of eegaa daandii ganamaatti deebi’a. Kan jiru Waraana WBO dha malee Jaarmiyaa ABO_WBO miti.

Akeekni ๐€๐๐Ž_๐–๐๐Žn ijaaarameef ,

1. Adda Bilisummaa Oromoo fi Waraana Bilisummaa Oromoo Shororkeessaadha jedhanii sadarkaa iddil Addunyaatti farrajuufi.

2. ABO fi WBO waliin hojjatuun ABO dhiibanii magalaa baasuun akka Qabsoo karaa nagahaa dhiisee Qabsoo hidhannootti makamu gochuufi.

3. ABOn gaafa kana dide ABO sababoota hin jirre itti tuuluun mana hidhaatti galchuu.

4. ABO keessaa murna dantaaf sossobaman kaadhimuun ABO irraa kutanii mindaa kaffaluufiin hojjataa mootummaa gochuun akka ABOn seera qabeessi isaan ta’etti kaadhimuu.

5. Waraana kophatti kaadhimanii WBO keessa galchuun akka ABOn isa ganee fi waakkatetti ABO balaaleffachiisuun akka ummanni WBO malee ABOn hin jiru kanaaf ABO dhiisnee ๐€๐๐Ž_๐–๐๐Ž akka ijaaramu gochuu.

6. Gaafa Jaarmiyaan ABO jedhamu badu ammoo, ๐€๐๐Ž_๐–๐๐Žn jaarmiyaa siyaasaa fi waraanaa ta’ee as baha, gaafa kana Shororkeessaa dha jechuun sadarkaa iddil Addunyaatti beeksifnee biyyarraa baasna.

Project kana kan qopheesse,

1. Abiyyii Ahmad Alii (master mind)

2. Jawaar Siraaj Muhaammad aangoo siyaasaa dhuunfatee Itiyophiyaa akka bulchuuf waadaan seenameef. Hoji maatni (action plan) isaaf kenname.

Dirqama isaa fudhateen Jawaari ABO keessaa tuuta tokko Qajeelaa Mardaa, Araarsoo Biqilaa, Ibsaa Nagawoo , Atoomsaa Kumsaa fi warra isaan waliin jiran ijaaree Abiyyiif kenne, ajandaa tokko xumurateera.

Ammas Jawaar, Waraana WBO keessatti qaamni kamuu quba hin qabne dargaggoota ijaaranii maatii isaaniif waan jireenya tahu qarshii guddaa account isaanii irra galchaniifii bobbaasan, warra WBO fakkatee ABO irratti ololu. Kanas raawwateera.

2. Jawaar Nama injinar Masfiin/Raasoo Dibaabaa ijaaratee dhuguma WBOn haa galu jechuu ani nan dogoggore amma WBOn yoo jiraate malee Oromoon kabajaa hin argatu, kanaaf ABO dadhabsiiftanii Jaarmiyaa Siyaasaa fi Waraanaa ijaaruu qabdan kana irratti tarsiimoo jiruun isin gargaaruuf waadaa isinii gala; jechuun Jawaar Raasoo gorsa.

3. Raasoo Dibaabaa ammoo nama Jireenyaa Guddataa(Zalaalam) jedhamu akka inni Marroo waliin mari atee ajandaa eebbifamaa Jawaar himeef kana hojitti hiike.

4. Zalaalam akkuma Raasoon Jawaariin gowwoomfame, Raasoon gomfamee dhugaa itti fakkatee Marroo Gowwomsuun ajaja walii galaa godhanii Muudanii, jaarrolii Dhugaasaa Bakakkoo fi kanneen biroo of keessaa ari’uun ๐€๐๐Ž_๐–๐๐Ž jedhanii lafa qabsiisan.

5. Jawaar Faqqadaa Abdiisaa WBO dadhabsiisuuf akka bobbafame Odeessa gahaa Abiyyii irraa argateera. Faqqadaan gaafa bobbafamu, haala ilaalee Abiyyii fa’a ganuun dirree saaqe. Gaafa Faqqadaan Baha Walaggaan Dirree Saaqu Marroon at ergama qabattee dhufte malee qabsoo haqaaf hin dhufneen lola irratti bana. Faqqadaan Abdiin inni qabu bakka jirtutti cichuu dha malee Abiyyitti deebi’uuf abdii dhabe.

6. Jawaar Ajaja gara biraa Raasoof kenneen akka Daawud marroo amanuu dhabee Faqqadaa Abdiisaaf dirqama kennee Waraana Marroo rukutuutti Ibseefi. Isa kana kan Zalaalamii fi Raasoon Marroo gorsanii akka inni Faqqadaa milishaa fakkeessee balaaleffatuu fi warra Gullallees booji’amtoota jedhee balaaleffachuun ๐€๐๐Ž_๐–๐๐Žtti cichu taasise.

Jala sararaa beekaa Jaarmiyaan Guddaan ๐€๐๐Ž_๐–๐๐Ž dha jechuun ABO diiguun gonkumaa hin danda’amu.

ABOn uumamma isaa irraa akka hin diigamnetti hidda gadi fageeffatee Onnee dhalootaa keessatti ijaarame. Warri Ajandaa diinaa fudhattanii ABOn diigamuu qabaan burraaqxan adaba kan isinitti godhu fagoo miti isin keessa jira.

W3On amma jiru kun Burree dha. Gaafa dubbiin hammattu akka walitti deebi’ee wal bulleessee wal qulleessu hin shakin.

1. WBO kaayyoo ABOn jaarmiyaa kooti ani waraana jedhee akka Heeraa fi Seerri ABO jedhutti warra yaadu

2. WBO Jawaar Muhaammad ergama Project Abyii Ahimad jala jiru isa WBO fi ABO diiguuf jiru

3. WBO har’a Sagantaa Siyaasaa dhaabaa walumaa gala barruu dhaabaa hin dubbisin tooftaa waraanaa qofa barsiisanii Qawwee dhukaasii malee akeeka Qawwee dhukaasuuf hin beeknee dha.

Hanga ammaatti wanti Marroon godhe isaaf sirrii ta’uu mala. Garuu dogogorri inni godhaa jiru dogoggora seenaa osoo hin beekne sobamuun akka Jaarraa Abbaa Gadaa fi Galaasaa Dilboo jiddutti ta’etuu dabalamaara. Kun hundi shira diinaa duubaan jiru baruu dadhabuun jaarmiyaa Oromoo dadhabsiisuun jaarmiyaa gara biraa uumanii rakkataaru.

Dogoggorri seenaa amma Marroon sobamee hojjataa jiru, isaaf #tarsiimawaadha malee #tooftaa miti.; kun balaa ulfaataa qaba.

Jaaraa Abbaa Gadaa akka seenaan jedhutti yeroo tokko jaarmiyaa isaa ijaarate Adda Islaamawaa Bilisummaa Oromiyaa jedhu tooftaaf ijaarateeti, Suudaan waliin dipiloomaasii tolfachuuf gaafa walgahii irra taahuu, Oromummaan kee tooftaa siif tahee Islaamummaan kee tarsiimawa siif tahuu qaba. Kana irratti walii galla taanaan waliin hojjanna gaafa jedhaniin ani Oromummaa koon dursa malee Islaamummaa miti jedhee dide.

Jaarraan xumura irratti osoo jaarmiyaa sana uumuu baadhe jedheetii wareegama jaallan isaa 1978_1981tti Lola AIBO Jaarraa fi ABO Galaasaa giddutti ta’een wareegaman wareegana hinfeesifne akka kafalchiise hubatee gaabbe. Lola AIBO fi ABO jiddutti ta’eef harka koo isa mirgaan harka koo bitaa mure jedhee Gaaga’ama ABO Galaasaan hoogganuu fi AIBO Jaarraan hoogganaa ture gidditti uumameen Waraanni Oromoo hedduun daaraa ta’ee, Oromoo qalbiin cabe, xumura irra Jaarraallee, waraanni isaa harkaa diigamee, siyaasni isaa harkaa kufee ofii ammoo osoo gaabbuu biyya baqaatti boqate.

Oromoon seesee fi Shanee maaloo jechuu dhiisee seenaarraa waa barachuu qaba.

Dogoggorri amma Marroon irra jiru ammoo kan Jaarraa Caalaa fokkisaa ta’ee galmee Guraachaan qabamuuf taa’a malee ABOn hin diigamu, ABOn Allaanduu dhaa, kufee ka’a kana ta’uu Marroon akka gaaritti beeka.

Eegaa WBOn akka Damee Tarsiimoo waraanaa tokkotti Bilisummaa saba isaaf akkuma duritti socho’uudha malee diiggaa fi Inaaffaa ergama diinaan Jaarmiyaa siyaasaa goonee ABO dhabmsiifnaan qabsoo boqqonnaa gara biraa gaffata, kun Oromoo gara xumura Jaarraa 19ffaatti deebisuu dhaa, yeroon dammaqiinsaan of ilaalanii of gilgaalan amma ta’uu qaba.

Falli jiru, Oromoo faluuf Marroo fi Faqadaan araaramuun wal morkii dhiisanii shira diinaatti dammaquun ummata isaanii tiksuu dha. Faqqadaan Waraana irraa meeshaa hiike inni jedhamu olola diiggaa Mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo diiguuti. Ummanni meeshaa mitii, mancaa, eboo, shimalaa fi ulee sareen of irraa dhahuu hanga hiikkachiisan turameera.

Nam tokkoo lama Faqqadaan Qawwee irraa hiike jedhaman tujjaarota Mootummaan Shanee of irraa eegaa qabeenyaa keessaniin ammoo nu gargaaraa jedhee ijaaratee dha.

Carraa hiikkachuu isaaniin kan Finxaaleyyii Faannoo Galchisiisee ummata nagahaa rukuchisiisuun diraamaan duraan qindeessaa turn akka milkaayuuf olola labsee labsisiisee, Marroolleen akka Faqqadaa irratti baasuun milishaa jedhu isa taasise Tarsiimoo Ololaa mootummaa Badhaadhinaati.

Xumura irratti, Marroon kan gochuu qabu namoota maqaa waraanaan isa keessatti ijaaramanii waraana diiguuf tattaafatan saaxilaa of keessaa baasuu dha.

Sararri dheeraan masaraa Minilikii ka’uun Dirree Qabsoo dhaqee Diasporatti dheeraffate magaalaa, bosonaa fi biyya alaa maan’effate battaluma kana cituu qaba.

Dhugaan Ilma Waaqaati !

Haqni Injifataa dha!

Xaaxessaa Xawalwaallee tiin

Leave a comment