Bara 2018 keessa Caalaa Hayiluu Abaataa kan katabe duuba deebinee yaadannuu laata?


“Diina nu Keessaa Biqilte balleessuu baatanis saaxiluun barbaachisaadha!!

26 July2018, Caalaa Hayiluu tin

Nama #MilkeessaaMiidhagaa jedhamuufi fakkaattoota isaaniitif deebii kennuun barbaachisaadha.

Sababni deebiin kuni barbaachisuuf;

  1. ’Mootummaa’ sana bakka bu’uun qondaalaa mootummaa waan taheef haasaafi barreeffamni isaa kan ejjannoo mootummaa fi dhaaba inni keessa jiru ibsu malee kan dhuunfaa isaa qofa waan hin taanef,
  2. Akka hoogganaa waajjira tokkootti dubbii afaan faajjii isaan galgaluu ganamuu xeebaniin kumaatama dogongorsuu waan danda’aniif,
  3. Shiraa fi haala siyaasaa deemaa jiruufi daldala siyaasaa kanarraa argamuu qaamonni hin hubanne hubachuu waan qabaniif.

Hunda dura akkan Dhagahetti Milkeessaa Miidhagaa kan barate #saayinsii_siyaasaa( political science) dha jedhama. Akkas taanan ammoo namni kuni waan barreessu kana hunda wallaalee osoo hin taane jibbiinsa qabsaahota Oromoo fi jaarmiyaa ABO irraa qabuufi daldala siyaasaa jaarmiyaa inni itti miseensomee hojjatuuf bu’aa buusuf akka tahe nama hin shakkisiisu.

Nama Saayinsii Siyaasaa baratee mitii barataan kutaa 8ffaa xummure tokko waan rakasa akkasii kaasee saba burjaajeessuuf hin aggaamu. Milkeessaa akka kana maalif akka inni borcu isumatu beeka.

Laal obboleessoo, jaarmiyaa #shanee jedhamu waliin mootummaan kee kuni mari’ateera taanan hayyuu duree #ABO maqaa kaasuun kee sirrii miti. Akka hoogganaa waajjira mootummaa tokkootti maqaa dhaabni tokko of hin waamneen waamuun nagaaf osoo hin taane dabaafi arrabsoo dha. Dura kana sirreeffadhu.

Torbeetti yeroo torbaa ol maqaa kana wal jala jijjiirtee barreessaa oolta. Kuni siif qaaniidha. Barnoota yoo xiqqaatee walakkaa umrii keetii itti fixxee fi akka ”nama barateera” jedhamu tokoottis akka nama waajjira mootummaa hoogganu tokkootti illee waan saalfachiisa dha. Dhugaatti, #shame on you!

”Warra Waamicha fudhatee gale …” waliin eegaa waliif galtanii maalif Waayeen #ABO hirriiba sin dhoowwe? Isin yaachisa taanan immoo seeraa addunyaan jaarmiyootaa bifa kanaan qabsoo gaggeessanii fi gaaffii uummataa qabatanii sosocho’an waliin nagaa buusanii gara nagaan wal morkuutti ce’amu godhuuf ’mootummaa’ keessan irratti dhiibbaa godhaa! Borus tahee seenaf sanatu wayyooma qabaata.
Tiyoorii fi muuxannoo biyya kamii dubbisteet jaarmiyaan riphe lolaa tokko akka shaanxaatti abbaan barbaade maree ykn rarraafatee xayyaara keessa kaahatama?

Biyya kamitti ’bulchaan biyya’ tokkoo hooggantoota dhaaba riphe lolaa walakkaa jaarraa gahuuf ittiin lolu tokko ”koottaa sin fudheen galaa.” jedhaan? Kabajaafi moo tuffiif? Sabni ABOn qabsaawaafii wareegama meeqa baasaa fi ture hoo kana waan eeggatu sitti fakkaataa?

Siifii warra yeroo hunda harka kennachuun dantaa matayyaa qofaaf jiraatanif guddaadhas salphaa dhas. Dhaaba walakkaa jaarratti dhiyaatuf gabroomfataa lolaa turee fi jiru, dhaaba siyaasaa loltoota dirree addaa addaatii qabu, caasaa baldhaa biyya keessafi addunyaa guuturraa qabuun akkuma nama dhuunfaa michuu wayiitti,”koottuu na waliin gali ” jechuun hiikaa siyaasaa akkamii qabaata? Qabsoo Oromootu galma gahee jennaan akkas jedhamaa? QBO uummata Oromoo aangessuu moo OPDO kurnee Dasiif ilmaan Oromoo fixaa turtee hardhas itti jirtu aangeessu dha? kanaaf sunaafan dhiisa…,

Waayee Qaama sadaffaa jaarmiyaa Riphe lolaa fi mootummaa jidduu barbaachisummaasaa hin beektu taanan, (barnoonni kee sadarkaa Phd?) kan ati SAAYINSII SIYAASAN ARGATTE SUNI QORATAMUU FI LAALAMUU qaba jechuu dha. ABO xiqqeessuuf kana ololta taanan garuu waan milkooftuu miti. Sii yeroo yeroon gaggaragalu fi ejannoo qajeelaa tokko hin qabne kana dhiisiiti diinonni innikaa QBO, warrii jaarraa oliif saba keenyaa dhoraa jiranii fi Wayyaanee fi OPDOn ati amma jala fiigdu kunuu, waggoottan 27 guutuu waan dandeessuufi hin dandeenyen qawwee fi olala karaa hedduu jallaa keenya kan akka keetii kumaatam bittee bobbaaftee, maallaqa biliyoona dhangalaaftee, akkasumas ’lobbistoota’ warra adii osoo hin hafne ololtoota hedduu ABO irratti bobbaaftee waan hunda yaaltet ABO balleessuu dadhabde. ABO’n daran jabaataa deema malee tasumayyuu waan xiqqaatuu miti. Kanaafuu akka namaatti, keesaattu akak dhala Oromoo waggoottan 27n waan baayyee arge tokkootti yaadi. Akka nama barateefi ogummaa Saayinsii siyaasaa kana qabuuttis olola dabballummaa moggaa kaahitii waa xiinxali dhiiroo!

Loltuun ABO akka waan Asmaraa taahutti ololte. Kuni hangam odeeffannoo dhabuu qofa osoo hin taanee corqaa namaa tahuu keet garsiisaa. Maalif beektaa? Yeroo darbe, ”WBO tu lixa Oroniyaa keessatti Oromoo ajjeesaa jira.” jettee barreessitee turte. Osuma jennuu minduma haqaatiin hojjachaa jirta moo gochaa kachachalaa biraafis qacaramteet ololaaf waajjira banattee teesse? WBO’n kaleessaa ati ”Lixa Oromiyaatti badii balleessaa jira.” jettee ololaa turte ganama kanaanimmoo Asmaraa qubatee?

Loltoonni ABO, WBOn kan akka kee ololaaf arraba dheeratan osoo hin taane beektota, hayyoota, doktoroota, injinaroota, saayintistootaa ragaa waraqaa baatan osoo hin taanee namoota namummaan guutuu dambooboo ta’anii dha.

Kanaafis dantaa matayyaan nyaatanii buluurraa qabsoo hadhooftuu filatanii garaa qullaa dhagaa boraafatanii warra wareegama qaalii saba isaanif kaffaluu lubbuu isaanii tarreen hiriirsanii qabsoo hadhooftutti jiraniidha.

Asmaraan dudduubbee WBO taatees hin beektu;sichis hin taatu. Akuma warri si ergatan kun iyyuu waajjira Ispoortiif si aangeessan, silaa ati kan halkuu guyyuu dhimmuun sirra ture akkamittiin dargaggoonni Oromoo wal ijaaranii qaamaa fi sammuun jabaatoo ta’an goota turte. Ati garuu dhaloota sammuu goolutti bobbaate. Kanaafuu waajjira akkasii hoogganuufuu ati nama gahaa miti.

Dhaabni sitti amanee si muudes kan sii gadii tahuu agarsiisa. Dhugaa dha Shamaddadaadhan PHD qabachuun maaqaa ”Dr.abalu’ qabatanii saba burjaajessuurra, dhugaa tiksanii, dhugaaf dhaabbatanii, haqaaf baabsanii, waanimmoo jiru sirnaan xinxalanii sansakkaa namummaa qabaachuun wan hunda caala. Si garuu kuni hedduu sitti hanqata yaada ati barreessitu irraa.


Uummata Oromootti ABO’n eessa akka jiru sii miti kan itti himu. Eessa akka jiru sirriitti beeka;kanaaf ”Asmaraarraa yoom galu ?” jedhee akka ati baante hin eegu, hin iyyaafatus. Eeggannoo fi iyaafanni Oromoo dhaa, ” yoom bilisummaa keenya gonfanna? Yoom biyya abbaa keenyaa irratti nagaan oollee bulla?” Kan jedhuu dha.

Kan biraammoo, ”JAAL DAAWUD IBSAA” jettee barreessite. Akkamitti diinni akka keetii dhaaba kanarratti ololu fi jibbisiisan machaa’e kuni ’jaal’ jedhee H/ duree ABO waamaa?

Jaal maal akka tahe hin beektu moo qoosaa ijoolleen OPDO akkeessif waliin jedhan sana seete?

Jaal jechuun irbuudha; Jaallummaan irbuudha, jaallummaan kaayyoo tokko galmaan gahuuf kan itti kakatanii sanaaf jiraataniidha malee kan akka qoosaa fi taphaatti Abbaan barbaade ”jaal eenyuu , jaal abaluu…” jedhamuu miti. Afaan keetiin ’jaal’ jechuun arrabsoo dha;tuffiidha malee kabajaa jaallummaa miti. Jaallummaan irbuu fi kakuu dantaa sabaa eeguuf seenan sana tiksaa jiraachudha.

Egaa walumaa galatti akkuma raayyaa arrabsoo, ololaa fi kanneen Oromoo gidduutti dhibee qoqqooddi facaasaa oolanii sunmii facaasuu dhiisii ti sadarkaa yaadan barruu keetii gitaa fi sadarkaa barnootaa fi waajjjira hoogganta jedhamu sanaan wal bira qabuu yaali. Arrabsoo fi tuffiin salphina nama Badhaasa malee kabajaa hin tahu beeki.

Caalaa Hayiluu Abaataa’tiin”

Leave a comment